Ilmi Maqaan Abbaa Isaa akka jijjiirramuuf kallattiidhaan gaafachuu ni danda’aa?

Ilmi Maqaan Abbaa Isaa akka jijjiirramuuf kallattiidhaan gaafachuu ni danda’aa? Xiinxala Raawwatiinsa SHH Kwt 42 fi 43 irratti taasifame. Bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Kwt 36(1)(b) tiin daa’imni kamuu maqaa fi lammummaa qabaachuuf mirga qaba jechuun kaa’eera. Gama kanaan seerri maqaa namni tokko qabaachuu kan danda’u haala kamiin akka ta’e kaa’u immoo S/H/H kwt 32-46 akkasumas kwt 3358- 3360 tti jiran jalatti kaa’ameera. Bu’uuruma kanaan namni tokkoo maqaa firaa(family name),maqaa dhuunfaa tokko ykn isaa ol (first name) fi maqaa abbaa(patronymic ) qabaachuu akka qabu qajeeltoon isaa S/H/H kwt 32 jalatti kaa’ameera.

  • 1ffaa Maqaan firaa (Family names) miseensa waliinii sarara maatii dhiiraatiin jiran kan agarsiisuu dha. Kanaafuu namni SHH erga tumamee as dhalate maqaa firaa kan fira abbaa isaa qabatee dhalata. Haa ta’u malee abbaan isaa maqaa firaa hin qabu yoo ta'e maqaa abbaa isaa (patronymic) akka maqaa firaatti(as family name) qabaata. Haa ta’u malee sadarkaa raawwii maqaa firaa(family name) biyya keenya keessatti yeroo ilaallu haala qabatama jiruutiin raawwii irra kan jiruu miti.
  • 2ffaa Maqaa dhuunfaa ilaalchisee bu’uura SHH Kwt 34 fi 35 tiin maqaan nama dhuunfaa abbaadhaan kan moggaafamu yoo ta’u bakka abbaan hin jirretti immoo maatii abbaatiin kan moggaafamu ta’a.
  • 3ffaa Bu’uura SHH kwt 36 tiin Maqaa abbaa ilaalchisee maqaan dhuunfaa abbaa maqaa abbaa(patronymic) akka ta’e kaa’ameera.

Bu’uruma kanaan akkaataa Seera hariiroo hawaasaa biyya keenyaatiin moggaafama maqaalee isaan kam jijjiiruun danda’ama? kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Bu’uura SHH kwt 42 tiin maqaan firaa(family name) sababa gahaadhaan hanga mirga garee 3ffaa hin tuqnetti mana murtiitiin jijjiiramuu akka danda’u kaa’ameera. Gama biraatiin bu’uura SHH kwt 43 tiin namni tokko maqaa dhuunfaa isaa(first name) iyyata dhiyeessuun mana murtiitiin jijjiiruu akka danda’u kaa’ameera. Asitti maqaa dhuunfaa jijjiiruuf akka maqaa firaa jijjiiruutti sababni gahaan jiraachuun ykn ulaagaleen biroo dirqamaa miti. Gama kanaan mee murtiilee dhaddacha Ijjibaataa haa ilaallu.

Jiildii 15ffaa lakk.Galmee 95995 ta’e irratti murtii kennameen namni tokko maqaa abbaa isaatiin fi maqaa abbaa isa guddiseetiin waamamaa jiraachuun isaa ragaan yoo mirkanaa’e ta’e maqaa isa tokkoon akka waamamuu danda’u gaafachuun sababa himannoo hin qabu kan jechisiisuu miti. dhimma kana irratti maqaan abbaa kiyyaa naaf haa jijjiiramu kan jedhu osoo hin ta’in maqaa abbaatinis maqaa abbaa na guddiseenis lamaaninuu waamamaan jira waan ta’eef maqaa isa tokkoon ykn maqaa abbaa kiyyaatiin akkan yaamamu naaf haa taasifamu kan jedhuudha.

Jiildii 19ffaa Lakk.Galmee 116977 ta’e irratti immoo namni tokko maqaan dhuunfaa isaas maqaan abbaan isaas gara maqaa biroo fi maqaan abbaa isaas akka jijjiramu gaafachuu akka hin dandeenye murtii kennee jira. Murtii kana irraa kan hubatamu guutumatti maqaan dhuunfaas maqaan abbaatis kan jijjiiramu waan ta’eef seerota waa’ee maqaa jijjiirraatiin walqabatanii jiran waliin kan hin deemne ta’uu isaati.  Jildii 21ffaa lakk. Galmee 120355 irratti namni tokko yeroo adda addaatti maqaa abbaa adda addaatiin waamamuu isaa ragaa gahaatiin yoo mirkanaa’e gara maqaa isa tokkootti mirga nama 3ffaa miidhuu fi miidhuu dhabuu qulqulleessuun naannessuun akka danda’amu murtii kennee jira.

Kanaafuu murtiilee kanneen irraa kan hubatamu maqaa abbaa ilaalchisee namni tokko maqaa abbaa adda addaatiin ykn maqaan isa tokkoo guddisaa isaa tokko immoo maqaa abbaa isaatiin waamamaa yoo jiraate maqaa isa sirrii kan abbaa kiyyaatiin haa waamamu jechuun gaaffiin dhiyeessu sababa himannoo kan qabuu fi manni murtii mirga garee 3ffaa kan hin tuqne ta’uu isaa qulqulleessuun murtii kennuu akka qabu kaa’a. Haa ta’u malee maqaa abbaa jiru bakka abbaan hin gaafanetti maqaan isaa inni sirriin ebalu ture jechuun ilmi akka jijjiiramu gaafachuu kan danda’u miti. namni dhuunfaan tokko maqaa isaa jijjiiruu kan danda’u yoo ta’u, maqaa abbaa isaa garuu jijjiiruuf SHH kwt 32-46 kan hayyamu miti.

Maqaan abbaa inni jalqabaa jijjiiramuu kan danda’u namuma saniin qofa ta’a.bakka abbaan maqaa sanaa hin jiretti maqaan isaa kana hin turre jechuun haalli ilmi itti gaafatu hin jiraatu.

Akka waliigalaatti SHH keenya jalatti jijjiirraan kan danda’amu bu’uura kwt 42 maqaa firaa(family name) ykn maqaa dhuunfaa isaa(first name) bu’uura SHH kwt 43 tiin malee maqaa duraa abbaa isaa((patronymic) jijjiiruu akka hin dandeenye hubachiisa.  Haa ta’u malee namni tokko maqaa nama lamaan waamamaa jiraachuun isaa ragaaleen agarsiisan yoo jiraatan gara maqaa isa tokkootti akka jijjiiramuuf gaafachuu ni danda’a.(not change of patronymic name but naming with one patronymic name). Haa ta'u malee Abbaan maqaa Lama qabaachuun isaa yoo mirkanaa'e ykn Abbaan maqaa isaa jijjiirachuun isaa kan murtiidhaan mirkanaa'e yoo ta'e gara maqaa jijjiirame kanaatti akka sirraa'uuf ilmi gaafachuu wanti dhorku hin jiraatu. kanaafuu abbaan kiyya Tolosaa ture haa ta'u malee Abbaan kiyya kun dura maqaa Tolosaatiin osoo hin ta'in maqaa Badhaasaatiin beekamaa ture  waan ta’eef maqaan abbaa kiyyaa gara Badhaasaatti naaf haa jijjiiramu jedhanii gaafachuun kan danda’amu miti.

xumuree jira. Galatoomaa.

×
Stay Informed

When you subscribe to the blog, we will send you an e-mail when there are new updates on the site so you wouldn't miss them.

Snapshot Note on the Determination of Residency un...
The need to worry very much about the “newly intro...

Related Posts

 

Comments

No comments made yet. Be the first to submit a comment
Already Registered? Login Here
Abebe
Thursday, 28 March 2024