19 June 2015 Written by 

Seera yakkaa itoophiyaa jalatti Adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo ga’essota irratti fudhataman fi raawwii isaanii

Seenaa adabbii yakka yoo ilaalle, adabbiin balleessaa adda addaa hordofuun kennamaa ture baay’ee suukaneessaa fi kaayyoo sirna haqaa yakka hammayyaa irraa kan fagaate ture. Adabbiin haala akkasiin kennamaa ture qajeeltoowwanii fi ulaagaalee seera yakka, mirga dhala namaa fi bulchiinsa sirna haqaa yakka kan hin hordofnee fi gonkumaa sirnaa fi qajeeltoo ittiin hogganamu kan hin qabne ture. Haata’u malee, guddina sirna seeraa adda addaa fi dagaagina gaaffii mirga dhala namaa wajjin qajeeltoowwan seera yakkaa fi adabbiin yakkaas guddachaa dhufaniiru.Seerotni adabbii yakkaas adeemsaan boca qabachaa fi qajeeltoowwan bu’uuraa ittiin hogganaman uummachaa deemuun yeroo ammaa kana adabbiin yakkaa haala kabaja mirga namummaa yakkamtootaa hin tuqneen, galma fi kaayyoo seera yakkaa fi bulchiinsa sirna haqaa yakka galmeessisuu danda’utti qophaa’ee fi diriiree jira, raawwiin isaa rakkoo haa qabaatuyyuu malee.

Bulchiinsa sirna haqaa yakka keessatti murtiin adabbii yakkaa fi tarkaanfileen biroo fudhataman akkaataa qajeeltoowwan seera yakkaa fi adabbiitiin hojiirra oolfamuu yoo batan bu’aan argamu haqa hawaasaa, miidhamtootaa fi sirreeffamtoota seeraa irratti rakkoo guddaa uuma. Adabbii fi tarkaanfileen biroo murtii balleessummaa hordofuun fudhataman hundumtuu kaayyoo seera yakkaa fi keessumaa kaayyoo adabbii yakkaa biyya tokkoo ilaalcha keessa galchuun kan hin raawwatamne yoo ta’e, bulchiinsi sirna haqaa yakkaa biyyattii galma gahuu hin danda’u. Kanaafuu, adabbiin yakkamtoota irratti murtaa’u gochaa yakka isaan raawwatan wajjin kan wal-madaaluu, walfakkina kan qabu, gama hundaan tilmaamamuu kan danda’uu fi qaamolee murtii kennan irratti itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu qaba.

Adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo dhimma yakkaa ilaalchisee goosota yakka irratti hunda’udhaan akkamitti murta’uu akka qaban seera yakka keenya jalatti yoo ka’amees seera irraa dabuun hogguu murta’an fi raawwataman ni mul’ata. Kanaaf tumaaleen seera yakka adabbii fi tarkaaniiwwan biroo ilaallatan gama kanaan maal akka fakkaatan, rakkoowwan seeraa fi hojimaata manneen murtii keessa jiran xiinxaluun, mariin gabbisuun kallattii fuulduraa kaa’uun barbaachisaa ta’ee mul’ata.

Akka waliigalaatti kaayyoon moojulii kanaa S/Y keessatti tumaalee adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo ilaallatan hunda irratti hubannoo kennuu osoo hin ta’in, rakkoowwan yaada seeraa, akkaataa itti hiikaman fi raawwii tumaalee muraasa kanneeniin walqabatan fi baay’inaan mul’atan addaan baasuun kallattii furmaata kaa’uu dha. Leenjiin kun yeroo murtii adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo kennamu dhimmoota akkamii irratti hundaa’uu akka qabuu fi  rakkoolee hojii irratti mul’achaa jiran xiinxaluun furmaata (kallattii) gara fuulduraa maal ta’uu akka qabu agarsiisuun fooyya’iinsa sirna haqaa Naannoo keenyaatiif  kan kaayyeffate dha. 

Caasseffamni moojuulii kanaa boqonnaa sadiitti kan qoqqoodame yoo ta’u boqonnaan jalqabaa yaada waliigala adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo kan ibsu ta’ee seenaa guddina adabbii fi qajeeltoowwan bu’uraa adabbii yakka yeroo har’aa kana bal’inaan argaman maal akka fakkaatan; akkasumas, kaayyoon adabbii qabu maalfaa akka ta’an ni ilaala.

Boqonnaan lammaffaa keessatti gosoonni adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo seera yakkaa keenya keessatti hammatamanii jiran maal akka fakkaatanii fi tokko tokkoon isaanii duuba kaayyoowwan adabbii jiran; akkasummaas, rakkoolee hojii irratti mul’atan dhimmoota qabatamaan deggaruun bal’inaan ilaalamaniiru.Keessattu, adabbii hidhaa fi maallaqaan bal’inaan hojiirra oolfamaa jiran irratti hanqinoota mul’atan kaasuun haala kamiin sirraa’uu akka qaban, kanneen faayidaarra oolaa hin jirre ammoo sababa maaliif akka itti hojjetamaa hin jirree fi furmaata isaa waliin ilaalamaniiru.

Boqonnaa sadaffaa jalattii akkaataan raawwii fi addaan citiinsa yookiin daangeffamuu raawwii murtiilee adabbii adda addaa fi tarkaanfiiwwan biroo itti adeemamu bal’inaan ilaalameera.Qaamoleen mootummaa raawwii murtiilee adabbii adda addaa fi tarkaanfilee biroo rawwachiisan tokko tokko akka hin jirree fi kunis ammoo dhiibbaa inni akkaataa galmaa fi kaayyoon seera yakkaa irratti qabu ilaalleerra.Yaadni furmaataas tokko tokkoo mata duree jalatti kaa’amuun ibsameera.

Xumura leenjii moojuulii kanaan leenjifamtoonni:-

  • Yaada waliigala maalummaa fi kaayyoo adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo seera yakkaa keenyaa jalatti kaa’aman ilaalchisee beekumsa duraan qaban irratti ni dabalatu.
  • Adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo ilaalchisee rakkoolee hiikkoo fi raawwii seeraa qabatamaan mul’atu hubachuun seericha sirriitti hojiirra ni oolchu.
  • Tokkoo tokkoo adabbiiwwan yakkaa seera yaakkaa keenya keessa jiran duuba qajeeltoo, galmaa fi kaayyoo adabbii yakkaa jiru irratti hubannoo isaanii ni gabbifatu.
  • Gosoota adabbii ijoo fi dabalaataa akkasumaas tarkaanfiiwwan biroo jedhamuun seera yakkaa keenya keessatti tarreeffaman irratti hubannoo isaanii ni gabbifatu.
  • Kenniinsa murtii adabbii keessatti hubannoo fi ogummaa murtii adabbichaa haala gaariin raawwachiisuu isaan dandeessisu ni gabbifatu.
  • Yeroo murtii adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo; akkasumas, addaan citiinsa isaanii kennan qabxiilee bu’uraa ilaalcha keessa galchuu qaban hubbannoo duraan qaban irratti ni dabalatu.
  • Adabbii fi tarkaanfiiwwan biroo tokko tokko raawwachiisuu keessatti qaawwa gama seera fi qaama raawwachiisuun jiru addaan baasuun, tooftaa kamiin duchuu yookiin salphisuu akka danda’an muuxannoo fi yaada ni horatu.

Download the full Version 

Tolosa Demie Jima

The blogger graduated from Mekelle University with LLB in 2007. From September 2007 up to May 2012 he has served as prosecutor in Oromia Justice Bureau from Woreda to regional Prosecutor level. Starting from June 2012, he is working as a Trainer at Oromia Justice Organ Professional Training and Legal Research Institute and Regional Prosecutor.